Speak with the hearts

Learn Afaan Oromoo

Read English phrases alongside Afaan Oromoo translations by topic.

Current topic

270) Phrases about Feelings

Click to choose another topic
English

Joy, happiness

Afaan Oromoo

Gammaduu

English

It's great! That's great!

Afaan Oromoo

Waan ajaa'ibaati! Mishadha!

English

It's wonderful! That's wonderful!

Afaan Oromoo

Kun ajaa'iba! /Kun dinqisiisaadha!

English

Great! Beautiful! Wonderful! Excellent! Terrific!

Afaan Oromoo

Dansaadha! Bareedaadha!

English

What a wonderful day!

Afaan Oromoo

Guyyaa milkii akkamiiti!

English

I'm so happy!

Afaan Oromoo

Ani baay'ee gammadeen jira!

English

I love it!

Afaan Oromoo

Ani Jaaladheen jira!

English

Oh, what a wonderful gift!

Afaan Oromoo

Ooh, kennaa ajaa'ibaa akkamiiti!

English

That's exactly what I wanted!

Afaan Oromoo

Anis kan barbaade kanuma!

English

Just the thing!

Afaan Oromoo

Akkanuma!

English

Disgust!

Afaan Oromoo

Fokkise! jibbisiise!

English

It's terrible! It's awful!

Afaan Oromoo

Baay'ee rifachiisaadha! Baay'ee suukaneessaadha!

English

Terrible! Awful! Horrible!

Afaan Oromoo

Baay'ee rifachiisaa! Suukaneessaa! Jibbisiisaa!

English

How disgusting!

Afaan Oromoo

Waan qaanessaa akkamiiti!

English

I hate it!

Afaan Oromoo

Ani nan jibba!

English

I can't stand it!

Afaan Oromoo

Ani kana obsuu hin danda'u!

English

It was the worst trip (food, day, etc.) in my whole life!

Afaan Oromoo

Jireenya koo keessatti kun imala, nyaata, guyyaa jibbisiisaa ture!

English

Indifference

Afaan Oromoo

Dhimma koo miti/Ana hin ilaallatu.

English

It doesn't make any difference to me.

Afaan Oromoo

Kun anaaf hiikkaa wayiituu hin qabu.

English

It doesn't matter.

Afaan Oromoo

Rakkoo hin qabu/Homaa miti

English

It's all the same to me.

Afaan Oromoo

Anaaf hunduu tokkuma.

English

I don't care.

Afaan Oromoo

Dhimma kiyyaa miti/Ana hingalchu

English

Suit yourself.

Afaan Oromoo

Akka sitti toletti/ Akka barbaaddetti.

English

Approval, praise, admiration

Afaan Oromoo

Dinqisiifannaa

English

You did a great job!

Afaan Oromoo

Hojii dansaa hojjatte!

English

It's great! It's wonderful!

Afaan Oromoo

Baay'ee dinqisiisaadha!

English

That's great! I'm so proud of you.

Afaan Oromoo

Baay'ee gaariidha! Ana boonsitee jirtaa. Siin booneen jira

English

Well done!

Afaan Oromoo

Akka gaariitti hojjamatee jira!

English

You did it!

Afaan Oromoo

Galmaan geesse!

English

That's my boy! That's my girl!

Afaan Oromoo

Sun ilma/intala kiyya!

English

Complaining, disapproval

Afaan Oromoo

Komii; waldhabuu

English

I wish you wouldn't take my books without permission.

Afaan Oromoo

Heeyyama kiyyaan ala kitaabilee kiyya osoo fudhachuu baattee natti tola!

English

I thought I told you not to smoke in this room.

Afaan Oromoo

Kutaa kana keessatti akka hin aarsine waan sitti hime natti fakkaatee ture.

English

I thought I asked you to be here by nine o'clock.

Afaan Oromoo

Sa'aa sagal irratti akka asitti argamtu waan si gaafadhe natti fakkaatee ture.

English

How many times do I have to tell you to turn off the light when you leave?

Afaan Oromoo

Yoo baatu ibsaa akka dhaamsitu yeroo meeqan sitti hima?

English

Oh, how could you?

Afaan Oromoo

Ooh, akkamitti akkana goota?

English

You should be ashamed of yourself.

Afaan Oromoo

Ofitti qaana'uu/saalfachuu qabda.

English

Shame on you!

Afaan Oromoo

Siin qaana'e!/Sitti qaana'e!

English

When someone is annoying you

Afaan Oromoo

Yeroo namni si aarsu

English

Leave me alone!

Afaan Oromoo

Na dhiisi!

English

Mind your own business, will you?

Afaan Oromoo

Dhimma kee irratti xiyyeeffadhu, tolee?

English

Stop bothering me!

Afaan Oromoo

Na hin rakkisin! Na hin jeeqin!

English

Get lost! (slang)

Afaan Oromoo

Badi asii!

English

Anger

Afaan Oromoo

Dheekkamsa/Aarii

English

Why on earth should I do it?

Afaan Oromoo

Maaliifan hojjadha?

English

Who (the hell) do you think you are?

Afaan Oromoo

Ati eenyu waan taateefi?

English

How dare you!

Afaan Oromoo

Hangam yoo na tuffatte!

English

For heaven's sake!

Afaan Oromoo

Waaqa sodaadheeti!

English

Good gracious! My goodness!

Afaan Oromoo

Waaqa abbaa koo! Maaloo Yaa rabbi!

English

Oh God! Oh my!

Afaan Oromoo

Yaa rabbi!

English

Asking not to get angry

Afaan Oromoo

Akka hin aarre gaafachuu

English

Don't get upset.

Afaan Oromoo

Hin aarin!

English

Calm down.

Afaan Oromoo

Tasgabbaa'i!

English

Take it easy.

Afaan Oromoo

Salphisii ilaali.

English

Don't get mad!

Afaan Oromoo

Hin aarin!

English

Asking not to worry

Afaan Oromoo

Dhiphachuu dhiisuuf gaafachuu

English

Don't worry about it.

Afaan Oromoo

Saniif hin dhiphatin.

English

Don't worry. Everything will be all right.

Afaan Oromoo

Hindhiphatin. Wanti hundi ni fooyya'a.

English

Relax.

Afaan Oromoo

Bashannani! Bashaadi!

English

Disappointment, complaining about life

Afaan Oromoo

gammaduu dhabuu, komii waa'ee jireenyaa

English

I feel so disappointed.

Afaan Oromoo

Baay'ee natti dhaga'amee jira

English

Just my luck.

Afaan Oromoo

Hiree / carraa kiyya

English

What a day! What a life!

Afaan Oromoo

Guyyaa/ireenya akkamiiti!

English

Life is hard. Life is unfair.

Afaan Oromoo

Jireenyi rakkisaadha.

English

That's life. What can you do?

Afaan Oromoo

Jireenyi akkanuma, maal gochuu dandeessa?

English

Oh well. That's the way it goes.

Afaan Oromoo

Egaa, akkasi.

English

Sympathizing

Afaan Oromoo

JajjabeessuuWaalessuu

English

I'm sorry to hear that your father passed away.

Afaan Oromoo

Boqachuu abbaa keetiif jajjabina siif hawwa.

English

I know how you feel.

Afaan Oromoo

Maal akka sitti dhagahamu nan beeka.

English

Let God help you.

Afaan Oromoo

Waaqni si bira haa jiraatu/Waaqni obsa siif haa kennu.

English

Oh dear!

Afaan Oromoo

Yaa Rabbii kiyya!

English

May his soul rest in peace.

Afaan Oromoo

Rabbi itti haa araaramu

English

Encouraging

Afaan Oromoo

Jajjabeessuu

English

Cheer up!

Afaan Oromoo

jabaadhu!

English

Everything will be all right!

Afaan Oromoo

Wanti hunduu ni fooyya'a!

English

It's not the end of the world!

Afaan Oromoo

Kun dhuma addunyaa miti!

English

Don't give up.

Afaan Oromoo

Harka hin kennin! Abdii hin kutatin!

English

Don't worry. You'll be all right.

Afaan Oromoo

Hin dhiphatin ni wayyoofta

English

Surprise

Afaan Oromoo

Waan dinqii /oduu aagaa

English

Oh really?

Afaan Oromoo

Dhugaa keetii?

English

Is that so?

Afaan Oromoo

Akkasii adaa?

English

That's amazing!

Afaan Oromoo

Kun dinqii dha! Kun waan ajaa'ibaati!

English

That's incredible!

Afaan Oromoo

Waan hin fakkaanne/ waa amanuuf nama dhibu!

English

I'm really surprised.

Afaan Oromoo

Baay'ee na ajaa'ibee jira.

English

No kidding? Are you serious?

Afaan Oromoo

Dhugaa keetii? Qoosaa mitiimii?

English

You must be joking! You're kidding!

Afaan Oromoo

Qoosaa jirta ta'uu qaba!

English

I can't believe it.

Afaan Oromoo

Ani kana hin amanu.

English

It can't be true!

Afaan Oromoo

Kun dhugaa ta'uu hin danda'u!

English

Doubt, uncertainty

Afaan Oromoo

Shakkii

English

I'm not (quite) sure about it.

Afaan Oromoo

Mirkanaa miti. Shakkiin qaba

English

Maybe, but I am not sure.

Afaan Oromoo

Ta'uu mala, guutumatti hin beeku

English

I'm not sure.

Afaan Oromoo

Nan shakka

English

Well, I don't know yet.

Afaan Oromoo

Egaa, hanga ammaatti hin beeku

English

I have mixed feelings about it.

Afaan Oromoo

Waa'ee dhimmichaa yaada walmakaa qaba

English

I doubt it.

Afaan Oromoo

Nan shakka

English

Physical pain

Afaan Oromoo

Dararaa qaamaa

English

It hurts!

Afaan Oromoo

Nama dhukkuba!

English

Oh! I've burned my finger!

Afaan Oromoo

Ee badee! Qubaa gubadhe!

English

My left foot hurts.

Afaan Oromoo

Miila kiyya bitaa na dhukkubaa jira.

English

I have a terrible headache.

Afaan Oromoo

Bowwoo cimaatu natti jira.

English

I have a pain in my chest.

Afaan Oromoo

Qoma koo na dhukkubaa jira.