I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


251) Talking about One Self

My name is Eyasu. (English)
Maqaan koo Iyyaasuudha. (Afaan Oromoo)
My name is Hiwot/I am Hiwot. (English)
Maqaan koo Hiwoot./Hiwoot jedhama. (Afaan Oromoo)
I'm 25 years old. (English)
Umriin koo waggaa 25. (Afaan Oromoo)
I was born on May 3, 1984. (English)
Ani kan dhaladhe caamsaa 3 bara 1984'tti. (Afaan Oromoo)
I was born in a small village near Hossana. (English)
Ani kan dhaladhe gandaa xinnoo/xiqqoo naannoo magaalaa Hosaanaatti. (Afaan Oromoo)
I grew up in Hossana. (English)
Magaalaa Hosaanaatti guddadhe. (Afaan Oromoo)
I went to school in Hossana. (English)
Barnoota kan jalqabe magaalaa Hosaanaatti. (Afaan Oromoo)
My family moved to Addis Ababa five years ago. (English)
Maatiin koo waggaa shaniin dura gara magaalaa Finfinneetti galan. (Afaan Oromoo)
My father is a farmer (a merchant, a driver, a doctor, a teacher). (English)
Abbaan koo qonnaan bulaa/daldalaa/konkolaachisaa/doktoraa/barsiisaa dha. (Afaan Oromoo)
My mother is a nurse (a journalist, a tailor, a secretary, an engineer). (English)
Haati koo narsii/gaazexeessituu/huccuu hodhituu/barreessituu/injiinara dha. (Afaan Oromoo)
I have a younger brother. His name is Eyasu. (English)
Ani obboleessa quxisuu/maandhaa Iyyaasuu jedhamu qaba. (Afaan Oromoo)
I have a brother, his name is Yilma. (English)
Ani obboleessa yilmaa jedhamu qaba. (Afaan Oromoo)
He is two years older than me. (English)
Inni waggaa lamaan na caala. (Afaan Oromoo)
My younger sister is Selam. She is a school girl. (English)
Obboleettin quxisuu/maandhaa koo salaam jedhamti. Isheen barattuudha. (Afaan Oromoo)
I'm not married. (English)
Ani hinfuune (dhi)/hineerumne (dub). (Afaan Oromoo)
I'm married. I have a family. (English)
Ani fuudheen jira (dhi) Ani maatiin qaba. (Afaan Oromoo)
I have two children, a boy and a girl. (English)
Ani ijoollee lama (dhiiraafi dubara) qaba. (Afaan Oromoo)
I have two sons, fifteen and nine. (English)
Ijoollee dhiiraa lama kan umrii umriin isaanii kudha shaniifi sagalii qaba. (Afaan Oromoo)
My daughter is two years old. (English)
Mucattiin/mucayyoon/Intalli koo waggaa lama. (Afaan Oromoo)
We live in a condominium. (English)
Mana kondomiiniyeemii keessa jiraanna. (Afaan Oromoo)
We live near a large park. (English)
Paarkii guddaa maddii jiranna. (Afaan Oromoo)
My address is Piyazza. (English)
Teessoon koo Birbirsa Goorooti. (Afaan Oromoo)
I like to read and walk with my friends. (English)
Ani dubbisuufi hiriyyoota koo wojjiin miilaan deemuu jaaladha. (Afaan Oromoo)
I like basketball and old movies. (English)
Kubbaa Kochoo taphachuufi fiilmii durii ilaaluu jaaladha. (Afaan Oromoo)
My hobby is photography. (English)
Suuraa kaasuu jaaladha. (Afaan Oromoo)
My hobby is taking pictures of birds. (English)
Simbirroo/shimbirroo suuraa kaasuun na gammachiisa. (Afaan Oromoo)
My wife loves traveling. (English)
Haati manaa koo imala jaalatti. (Afaan Oromoo)
She likes collecting different countries coins. (English)
Isiin saantiba biyyoota gara garaa walitti qabuu jaalatti. (Afaan Oromoo)
My husband likes to cook. (English)
Abbaan manaa koo nyaata bilcheessuu jaalata. (Afaan Oromoo)
We like classical music. (English)
Nu muuziqaa lommoxaa jaalanna. (Afaan Oromoo)
What do you do? (English)
Maal hojjatta? (Afaan Oromoo)
What business are you in? (English)
Daldala akkamii keessa jirta? (Afaan Oromoo)
I’m an engineer. (English)
Ani Mahaandisa dha. (Afaan Oromoo)
I'm a sales manager. (English)
Ani hogganaa hojii gurgurtaati. (Afaan Oromoo)
I'm a secretary. (English)
Ani barreessaa/barreessituu dha. (Afaan Oromoo)
I am a librarian. (English)
Ani ogeessa mana kitaabaati. (Afaan Oromoo)
I work at a bank. And you? (English)
Ani baankii hojjadha, Ati hoo? (Afaan Oromoo)
I work at a department store. (English)
Ani mana kuusaa muummee keessa hojjadha. (Afaan Oromoo)
I work in a restaurant. (English)
Ani mana nyaataa keessa hojjadha. (Afaan Oromoo)
I work as a teacher. (English)
Ani hojii barsiisummaa hojjadha. (Afaan Oromoo)
I work for a newspaper. (English)
Ani hojii gaazexeessummaan hojjadha. (Afaan Oromoo)
I'm in computers. (English)
Ani Ogeessa kompiitaraati. (Afaan Oromoo)
I'm in advertising. (English)
Ani hojii beeksisaa hojjadha. (Afaan Oromoo)
I'm in real estate. (English)
Ani hojii ijaarsa mana/manneen gurguddaa keessa hojjadha. (Afaan Oromoo)
Do you study or work? (English)
Ati hinbaratta moo hinhojjetta? (Afaan Oromoo)
I'm a student at Wachemo University. (English)
Ani Yunivarsiitii Waachamoo/Arsii baradha. (Afaan Oromoo)
I am a student in the department of Sociology at Wachemo University. (English)
Ani Yunivarsiitii Arsiitti Muummee Afaan Oromoo baradha. (Afaan Oromoo)