I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


268) Talking about Telephone Calls

Good afternoon Sara, may I help you? (English)
Akkam oolte Saaraa, si gargaaruu? (Afaan Oromoo)
Extension 237 please. (English)
Maaloo sarara keessoo 237 barbaade. (Afaan Oromoo)
I'm sorry, the line is busy, will you hold? (English)
Dhiifama, sararichi qabamaaadha; sarara irra turtaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I'll hold. (English)
Tole. Sararuma irran tura. (Afaan Oromoo)
I'm putting you through. (English)
Wal si qunnamsiisaan jira. (Afaan Oromoo)
Marketing, Mr. Markos speaking. (English)
Kutaa bittaa- gurgurtaati; obbo Maarqoos dubbadhaa! (Afaan Oromoo)
Could I speak to Yohannes please? (English)
Yohaannis wajjiin dubbachuu danda'aa? (Afaan Oromoo)
I'm sorry; he's in a meeting at the moment. (English)
Dhiifama; ammaan tana walgahii irra jira. (Afaan Oromoo)
Do you know when he'll be back? (English)
Yoom akka deebi'u beektaa? (Afaan Oromoo)
He will be back around four. Can I take a message? (English)
Naannoo sa'aatii 10:00' hindeebi'a. Dhaamsa yoo qabaattan? (Afaan Oromoo)
Yes, please ask him to call Eframe on 9170 250 65. (English)
Tole, lakkoofsa bilbilaa 917025065 irratti Efireem jedhee akka bilbilu itti himi. (Afaan Oromoo)
9170 250 65, right? (English)
917025065. Sirriidhaa? (Afaan Oromoo)
That's right. (English)
Ee, sirriidha. (Afaan Oromoo)
OK, I'll see he gets your message. (English)
Hayyee, dhaamsa kee argachuu isaa nanmirkaneessa. (Afaan Oromoo)