I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


254) Talking about Neighbourhood

Where do you live? (English)
Eessa jiraatta? (Afaan Oromoo)
I live in Piassa/piazza. (English)
Birbirsa Gooroo. (Afaan Oromoo)
How big is it? (English)
Hammam guddata? (Afaan Oromoo)
It is medium. (English)
Jiddugaleessa. (Afaan Oromoo)
How does your colony look like? (English)
Naannoon keessan maal fakkaata? (Afaan Oromoo)
It looks beautiful. (English)
Bareedaadha. (Afaan Oromoo)
What sorts of people live in your colony? (English)
Naannoo keessan namoota akkamiittu jiraata? (Afaan Oromoo)
Most of them are merchants and few of them are employees. (English)
Harki caalu daldaltootaa; muraasni/hagoon isaanii immoo mindeeffamtoota. (Afaan Oromoo)
How are the roads? (English)
Karaan akkami? (Afaan Oromoo)
The roads are good. (English)
Karaan gaariidha/mijataadha. (Afaan Oromoo)
Are there so many trees in your colony? (English)
Naannoo keessan mukni baayyeen nijiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, there are many trees. (English)
Ee, muka baayyetu jira. (Afaan Oromoo)
Is there a play ground in your colony? (English)
Naannoo keessan bakki itti taphatan jiraa? (Afaan Oromoo)
No, there is no play ground. (English)
Lakki, bakki itti taphatan hinjiru. (Afaan Oromoo)
How many shops are there in your colony? (English)
Naannoo keessan suuqii/dukkaana meeqatu jira? (Afaan Oromoo)
They are ten shops. (English)
Suuqii/dukkaana kudhantu jira. (Afaan Oromoo)
Is there a park in your colony? (English)
Naannoo keessan bakki bashannanaa jiraa? (Afaan Oromoo)
No, there is no park. (English)
Lakki, hinjiru. (Afaan Oromoo)
Is there a greengrocer in your colony? (English)
Naannoo keessan dukkaana kuduraafi muduraa jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, there is greengrocer. (English)
Ee, dukkaanni kuduraafi muduraa ni jira. (Afaan Oromoo)
Is there a shopping mall in your colony? (English)
Naannoo keessan Jiddugalli daldalaa jiraa? (Afaan Oromoo)
No, there is no shopping center. (English)
Lakki, jiddugalli daldalaa hinjiru. (Afaan Oromoo)
Is there a video center in your colony? (English)
Naannoo keessan jiddugalli viidiyoo jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, there is a video center. (English)
Ee, nijira. (Afaan Oromoo)
Is there a medical/drug store in your colony? (English)
Naannoo keessan manni qorichaa jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, there is a medical/drug store. (English)
Ee, manni qorichaa nijira. (Afaan Oromoo)
Is there theft problem in your colony? (English)
Naannoo keessan rakkinni hannaa ni jiraa? (Afaan Oromoo)
No, there is no theft problem. (English)
Lakki, hinjiru. (Afaan Oromoo)
Are there regular power cuts in your colony? (English)
Naannoo keessan yeroo baayyee ibsaan adda citaa? (Afaan Oromoo)
Yes, there are regular power cuts. (English)
Ee, yeroo baayyee adda cita. (Afaan Oromoo)
Is there water facility in your colony? (English)
Naannoo keessan tajaajilli bishaanii jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, there is a water facility. (English)
Ee, tajaajilli bishaanii jira. (Afaan Oromoo)
Is your colony safe? (English)
Nageenni naannoo keessanii amansiisaadhaa? (Afaan Oromoo)
No, it is not quit safe. (English)
Lakki, amansiisaa miti. (Afaan Oromoo)
How many schools are there in your colony? (English)
Mana barumsaa meeqatu naannoo keessan jira? (Afaan Oromoo)
There is only one school. (English)
Mana barumsaa tokko qofatu jira. (Afaan Oromoo)
How far is the bus station from your colony? (English)
Buufanni konkolaata naannoo keessan irraa hammam fagaata? (Afaan Oromoo)
It is very near from my colony. (English)
Naannoo keennatti baay'ee dhihoodha. (Afaan Oromoo)
Do you like your colony? (English)
Naannoo kee jaalattaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I like. (English)
Ee, hinjaaladha. (Afaan Oromoo)