I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


272) Talking about travelling

I'd like to book a flight to Tokyo please. (English)
Balallii gara Tookiyootiif galmaa'uu barbaada . (Afaan Oromoo)
Which airline would you like to use? (English)
Daandii qilleensaa kam fayyadamuu barbaadda? (Afaan Oromoo)
Which is the cheapest? (English)
Isa kamtu rakasa? (Afaan Oromoo)
When do you want to travel? (English)
Yoom imaluu barbaadda? (Afaan Oromoo)
Next week. (English)
Torban dhufu. (Afaan Oromoo)
Would you like to have a return ticket? (English)
Harshammee/tikkeettii ittiin deebitu ni barbaaddaa? (Afaan Oromoo)
How long does the flight take? (English)
Balalliin sa'aa meeqa fudhata? (Afaan Oromoo)
It takes 11 hours. (English)
Sa'aatii 11 fudhata. (Afaan Oromoo)
I may as well go with it. (English)
Anis kanumaan deemu naaf wayya. (Afaan Oromoo)
How many seats would you like? (English)
Teessoo meeqa barbaadda? (Afaan Oromoo)
Could I have a vegetarian meal? (English)
Nyaata kuduraa argachuu danda'aa? (Afaan Oromoo)
Certainly. (English)
Eeyyen. (Afaan Oromoo)
At the check-in desk. (English)
Seensa minjaala sakatta'insaa irratti (Afaan Oromoo)
Good morning, may I have your ticket please? (English)
Nagaa bultee? tikkeettii kee naaf keennuu dandeesssaa? (Afaan Oromoo)
Certainly. Can I take this as carry-on baggage? (English)
Kunooti. kana akka korojoo imaltuutti qabachuu danda'aa? (Afaan Oromoo)
Yes, that'll be fine. (English)
Eeyyen, rakkoo hin qabu. (Afaan Oromoo)
And can I have an aisle seat in the smoking section? (English)
Kutaa itti aarsan/xuuxan keessatti bakka argachuu danda'aa? (Afaan Oromoo)
I'm afraid this is a non-smoking flight, sir. (English)
Obboleessoo, kun imala xuuxuurraa bilisaati. Na gaddisiiste. (Afaan Oromoo)
But you can have an aisle seat. (English)
Garuu teessoo qabachuu dandeessa. (Afaan Oromoo)
Thank you. (English)
Galatoomi! (Afaan Oromoo)
At passport control. (English)
Iddoo to'annoo paaspoortiitti (Afaan Oromoo)
May I see your passport please? (English)
Paaspoortii kee ilaaluu nandanda'aa ? (Afaan Oromoo)
Here you are. (English)
Kunooti. (Afaan Oromoo)
What is the purpose of your visit? (English)
Kaayyoon doo'ii keetii maali? (Afaan Oromoo)
I'm on business. (English)
Hojii daldalaatiif (Afaan Oromoo)
How long will you be staying? (English)
Hangam turta? (Afaan Oromoo)
Fifteen days. (English)
Guyyaa 15. (Afaan Oromoo)
Thank you very much. Enjoy your stay. (English)
Baay'ee galatoomi. Turtii gaarii. (Afaan Oromoo)
At customs. (English)
Gumurukatti (Afaan Oromoo)
Do you have anything to declare, sir? (English)
Wanti galmeessisuu barbaaddu jiraa ? (Afaan Oromoo)
Just some wine and cigarettes. (English)
Wayniifi tamboo xiqqoo. (Afaan Oromoo)
How much wine do you have? (English)
Waynii hangam qabda? (Afaan Oromoo)
Four bottles. (English)
Qaruuraa 4. (Afaan Oromoo)
That's fine, and how many cigarettes? (English)
Gaariidha, tamboo hoo meeqa? (Afaan Oromoo)
10 pockets. (English)
Paaketa 10. (Afaan Oromoo)