I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


253) Talking about House

Where do you live? (English)
Eessa jiraatta? (Afaan Oromoo)
I live in piassa/piazza. (English)
Birbirsa Gooroo jiraadha. (Afaan Oromoo)
How big is your house? (English)
Manni kee hammam bal'ata? (Afaan Oromoo)
It is medium. (English)
Jiddugaleessa. (Afaan Oromoo)
How many rooms does it have? (English)
Kutaa meeqa qaba? (Afaan Oromoo)
It has 4 rooms. (English)
Kutaa afur qaba. (Afaan Oromoo)
What are they? (English)
Maal fa'a? (Afaan Oromoo)
They are living room, bed room, kitchen and bath room. (English)
Kutaa keessummaa, ciisichaa, golaafi mana fincaaniiti. (Afaan Oromoo)
Do you have a sofa? (English)
Soofaa qabdaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I have a sofa. (English)
Ee, nanqaba. (Afaan Oromoo)
Do you have a television? (English)
Televizhinii qabdaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I have a television. (English)
Ee, nanqaba. (Afaan Oromoo)
What do you have in your salon? (English)
Kutaa keessummaa keessaa maal/maalfa'a qabda? (Afaan Oromoo)
I have television, music player and fridge etc... (English)
Televizhinii, muuziqaa taphachiistuuf qabbaneessituu qaba. (Afaan Oromoo)
What do you have in your bed room? (English)
Kutaa ciisichaa keessaa maal qabda? (Afaan Oromoo)
I have a bed and dressing table. (English)
Sireef saanduqa uffataa qaba. (Afaan Oromoo)
What do you have in your kitchen? (English)
Mana aaraa keessaa maal qabda? (Afaan Oromoo)
I have stove and a lot of vessels. (English)
Eeleefi meeshaa ittiin ittoo hojjatantu jira. (Afaan Oromoo)
Do you have geyser in your bath room? (English)
Kutaa dhiqannaa keessa meeshaan bishaan ho'isu jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes, I have. (English)
Ee, nanqaba. (Afaan Oromoo)
Do you have a garden? (English)
Eddoo qabdaa? (Afaan Oromoo)
No, I do not have garden. (English)
Lakki, hinqabu. (Afaan Oromoo)
Are you a tenant? (English)
Mana kiraa jiraattaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I am a tenant. (English)
Ee, kireeffadhee jiraadha. (Afaan Oromoo)
How much is the rent? (English)
Meeqaan kireeffatte? (Afaan Oromoo)
It is Birr 2000. (English)
Qarshii kuma lama. (Afaan Oromoo)
Do you like your house? (English)
Mana kee hinjaalattaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I like it. (English)
Ee, hinjaaladha. (Afaan Oromoo)