I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


255) Talking about Town

Where do you live? (English)
Eessa jiraatta? (Afaan Oromoo)
I live in Mizan Teferi. (English)
Ani Miizaan Tafarii jiraadha. (Afaan Oromoo)
Where is it (located)? (English)
Kallattii kamitti argama? (Afaan Oromoo)
It is located south western part of Ethiopia. (English)
Kibba Itoophiyaatti argama. (Afaan Oromoo)
How big is your town/city? (English)
Magaalaan ati keessa jiraattu hangam bal'ata? (Afaan Oromoo)
It is big. (English)
Bal'aadha. (Afaan Oromoo)
What sort of people live there? (English)
Namoota akkamiittu jiraata? (Afaan Oromoo)
Most of them are merchants and few of them are teachers. (English)
Daldaltoota hedduufi barsiisota muraasa. (Afaan Oromoo)
How are the people? (English)
Namoonni akkami? (Afaan Oromoo)
The people are good. (English)
Namoonni gaariidha. (Afaan Oromoo)
How is the weather? (English)
Haalli qilleensaa akkami? (Afaan Oromoo)
It is (mild) pleasant. (English)
Mijataa/gaariidha. (Afaan Oromoo)
How is the summer? (English)
Ganni akkami? (Afaan Oromoo)
It is normal. (English)
Ganni gaariidha. (Afaan Oromoo)
Is the summer too cold? (English)
Ganni dhaamotaa/Qorraa? (Afaan Oromoo)
No, It is not too cold. (English)
Lakki, hinqorru. (Afaan Oromoo)
Which season do you like? (English)
Ji'a kam jaalatta? (Afaan Oromoo)
I like summer season. (English)
Ji'a gannaa jaaladha. (Afaan Oromoo)
What is your town known for? (famous) (English)
Magaalaan keessan maaliin beekkamti? (Afaan Oromoo)
It is known for fruits and vegetables. (English)
Kuduraafi muduraan beekkamti? (Afaan Oromoo)
How are the roads? (English)
Karaaleen/daandiwwan akkami? (Afaan Oromoo)
They are bad & full of pot holes. (English)
Badaafi ciccitaadha. (Afaan Oromoo)
How are the buildings? (English)
Ijaarsi akkami? (Afaan Oromoo)
They are traditional. (English)
Ijaarsa aadaati. (Afaan Oromoo)
Do you have housing problems? (English)
Rakkina manaa qabdaa? (Afaan Oromoo)
Yes. (English)
Ee, nan qaba. (Afaan Oromoo)
How is the rent? (English)
Manni kiraa akkami? (Afaan Oromoo)
It is cheap. (English)
Rakasa. (Afaan Oromoo)
What sort of problems do you have? (English)
Rakkina akkamii qabdu? (Afaan Oromoo)
We have regular power cuts, theft and water problems. (English)
Rakkina ibsaa, bishaaniifi hannaa qabna. (Afaan Oromoo)
Is there a university? (English)
Yunivarsiitiin jiraa? (Afaan Oromoo)
Yes. It is there. (English)
Ee, nijira. (Afaan Oromoo)
Are there parks? (English)
Bakki bashannanaa jiraa? (Afaan Oromoo)
No, there is only one park. (English)
Lakki, tokko qofatu jira. (Afaan Oromoo)
How are the medical facilities? (English)
Tajaajilli yaalaa akkam? (Afaan Oromoo)
They are ok. (English)
Gaariidha. (Afaan Oromoo)
Do you have a lot of hospitals? (English)
Mana yaalaa baay'ee qabduu? (Afaan Oromoo)
No, we don’t have a lot of hospitals. (English)
Lakki, hinqabnu. (Afaan Oromoo)
What is the mode of transport? (English)
Geejjiba maal fayyadamtu? (Afaan Oromoo)
It is buses. (English)
Otobisoota. (Afaan Oromoo)
Do you like your city? (English)
Magaalaa kee ni jaalattaa? (Afaan Oromoo)
Yes, I like my city. (English)
Ee, magaalaa koo nan jaaladha. (Afaan Oromoo)