I know I want to learn

I know I want to learn

“Learn Afaan Oromoo – Speak with the Hearts”


269) Essential Phrases

Saying hello. (English)
Nagayaa gaafachuu (Afaan Oromoo)
Hello! How are you? (English)
Obboleesso/obboleettii/goshoo! /kiyya/tiyya. Akkam jirta? (Afaan Oromoo)
Fine, thanks you. (English)
Nagayaa, ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
Hello! How are you doing? (English)
Obboleettii/goshoo tiyya/kiyya! Akkam jirta? (Afaan Oromoo)
Fine, thanks. And you? (English)
Nagaya, ulfaadhu. Ati hoo? (Afaan Oromoo)
Hello! It's nice to meet you. (English)
Asham! Baga wal agarre. (Afaan Oromoo)
Good morning. Good afternoon. Good evening. (English)
Akkam bulte/akkam oolte. (Afaan Oromoo)
Saying good-bye (English)
Nagayaa dhaammachuu (Afaan Oromoo)
Good-bye! (English)
Nagayaatti! (Afaan Oromoo)
Bye! (English)
Nagaatti ! (Afaan Oromoo)
Keep in touch. (English)
Hinbadiin. (Afaan Oromoo)
Take care now. (English)
Ofhingatiin. (Afaan Oromoo)
See you tomorrow. (English)
Boru walagarra. (Afaan Oromoo)
See you. (English)
Hayyee walagarra. (Afaan Oromoo)
Good night. (English)
Nagayaan buli. (Afaan Oromoo)
Holiday greetings (English)
Nagayaa yeroo ayyaanaa (Afaan Oromoo)
Merry Christmas! – The same to you. (English)
Baga Ayyaana Qillee geesse. Atis baga geesse. (Afaan Oromoo)
Happy New Year! – The same to you. (English)
Bara haarawaa gaarii siif haa ta'u. Siifis! (Afaan Oromoo)
Have a nice holiday! – The same to you. (English)
Ayyaana gaarii! siifillee haa ta'u. (Afaan Oromoo)
Have a nice holiday! – You too. (English)
Ayyaana gaarii. Siifillee . (Afaan Oromoo)
Birthday greetings (English)
Nagaya guyyaa dhalootaa (Afaan Oromoo)
Happy birthday! – Thank you. (English)
Guyyaa dhalootaa gaarii! Ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
Happy birthday to you! (English)
Baga guyyaa dhaloota kee geesse . (Afaan Oromoo)
Congratulations (English)
Baga gammadde. (Afaan Oromoo)
Congratulations! Your new book is great! (English)
Baga gammadde. kitaabni kee haarofti misha! (Afaan Oromoo)
I'd like to congratulate you. Your test paper is the best in the class. (English)
Kutaa keessaa qabxiin gaariin kee waan ta'eef baga gammadde siin jechuu barbaada. (Afaan Oromoo)
My congratulations/! I am glad. Your result is excellent. (English)
Qabxiin kee baay'ee gaarii waan ta'eef, gammadi. Anis gammadee jira. (Afaan Oromoo)
Let me congratulate you on your excellent results. (English)
Qabxii gaarii galmeessiteef baga gammadde siin jedha. (Afaan Oromoo)
Wishing luck (English)
Hawwii gaarii (Afaan Oromoo)
Good luck! (English)
Hiree gaarii! (Afaan Oromoo)
Good luck to you! (English)
Hiree gaarii siif/ isiniifis! (Afaan Oromoo)
Good luck with your new project! (English)
Pirojeektii haaraa keetiif carraa gaarii (Afaan Oromoo)
I wish you luck in your ventures! (English)
Waan gaarii hunda siif hawwa! (Afaan Oromoo)
I wish you the best of everything in your life. (English)
Jireenna keetti waan gaarii hunda siif hawwa! (Afaan Oromoo)
Agreeing, accepting (English)
Wal ta'uu, fudhachuu (Afaan Oromoo)
Yes. (English)
Eeyyeen. (Afaan Oromoo)
OK. / All right. (English)
Tole/misha. (Afaan Oromoo)
Of course. / Certainly. (English)
Sirriitti/dhugumatti. (Afaan Oromoo)
Sure. (English)
Dhugaadha. (Afaan Oromoo)
No problem. (English)
Rakkoo hinqabu. (Afaan Oromoo)
With pleasure. (English)
Gammachuun (Afaan Oromoo)
That's a great idea. (English)
Kun yaada gaariidha. (Afaan Oromoo)
That's right. / That's true. (English)
Sirriidha/dhugaadha. (Afaan Oromoo)
I agree. (English)
Ani itti waliigala. (Afaan Oromoo)
I agree completely. (English)
Ani guutummaa guututti itti walii gala. (Afaan Oromoo)
Disagreeing (English)
Walii hingalu. (Afaan Oromoo)
No. (English)
Miti. (Afaan Oromoo)
Of course not. (English)
Inumaa/gonkumaa. (Afaan Oromoo)
I don't think so. (English)
Natti hinfakkaatu. (Afaan Oromoo)
It's not a bad idea, but maybe some other time. (English)
Yaada yaraa miti; garuu yeroo birootiif hinta'a. (Afaan Oromoo)
That's not exactly true. (English)
Inni kun gonkumaa sirrii miti. (Afaan Oromoo)
Asking for help (English)
Gargaarsa gaafachuu (Afaan Oromoo)
Excuse me, could you help me? (English)
Dhiifama, na gargaaruu dandeessaa? (Afaan Oromoo)
Excuse me, I need some help. (English)
Dhiifama, gargaarsa barbaada. (Afaan Oromoo)
Can you help me, please? (English)
Yaaboo, na gargaaruu dandeessaa? (Afaan Oromoo)
Could you do me a favor? (English)
Waa diqqoo / xiqqoo na gargaaruu dandeettaa/ssaa? (Afaan Oromoo)
Offering help (English)
Gargaarsa gochuu (Afaan Oromoo)
Can I help you? (English)
Si gargaaruu nan danda'aa? (Afaan Oromoo)
Do you need some help? (English)
Gargaarsa diqqoo/muraasa barbaaddaa? (Afaan Oromoo)
Do you need any help? (English)
Gargaarsa kamiyyuu barbaaddaa? (Afaan Oromoo)
Is there anything I can do? (English)
Wanti an hojjadhu jiraa? (Afaan Oromoo)
How can I help? (English)
Akkamitti si haa gargaaru? (Afaan Oromoo)
Saying thank you (English)
Ulfaadhu jechuuf (Afaan Oromoo)
Thank you. (English)
Ulfaadhu! (Afaan Oromoo)
Thank you very much. (English)
Baay'ee galatoomi! (Afaan Oromoo)
Thanks a lot. (less formal) (English)
Hedduu ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
Thank you for your help. (English)
Gargaarsa keetiif ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
I really appreciate it. (English)
Dhugaatti nandinqiisiifadha. (Afaan Oromoo)
I really appreciate your help. (English)
Dhugumatti gargaarsa keetiif ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
You've been a great help. (English)
Gargaarsa guddaa naaf gootee jirta. (Afaan Oromoo)
Responding to thanks (English)
Nama nama galateeffateef deebii kennuu (Afaan Oromoo)
You are welcome. (English)
Homaa miti. (Afaan Oromoo)
Don't mention it. (English)
Rakkoon hin jiru. (Afaan Oromoo)
Any time. (English)
Yeroo kamittuu. (Afaan Oromoo)
That's all right. / It's all right. (English)
Rakkoo hinqabu. (Afaan Oromoo)
It's OK. (English)
Homaa miti. (Afaan Oromoo)
Apologizing (English)
Dhiifama gaafachuu. (Afaan Oromoo)
I'm very sorry. (English)
Dhiifama guddaa. (Afaan Oromoo)
Pardon me. (English)
Dhiifama. (Afaan Oromoo)
I'm sorry, I'm late. (English)
Dhiifama hingalaalchee/nan barfadhe. (Afaan Oromoo)
I'm sorry. I didn't mean it. (English)
Dhiifama; akkanaa mitii. (Afaan Oromoo)
Excuse me, please. (English)
Yaboo, dhiifama godhi. (Afaan Oromoo)
I'd like to apologize for losing your book. Please. (English)
Yaboo, kitaaba kee waan si jalaa gateef dhiifama naa jodhi. (Afaan Oromoo)
Responses to apologies (English)
Nama dhiifama nama gaafateef deebii kennuu (Afaan Oromoo)
That's all right. (English)
Rakkoon hinjiru. (Afaan Oromoo)
That's OK. / It's OK. (English)
Tole. (Afaan Oromoo)
Don't worry about it. (English)
Rakkoo hinqabu/ hindhiphatin. (Afaan Oromoo)
Never mind. (English)
Hinyaadda'iin. (Afaan Oromoo)
Don't mention it. (English)
Rakkoo hinqabu. (Afaan Oromoo)
Attracting attention (English)
Qalbii hatuu (Afaan Oromoo)
Excuse me! (English)
Dhiifama! (Afaan Oromoo)
Excuse me, (is this Piyasa Road?) (English)
Dhiifama, karaan kun kan Birbirsa Gooroo fiduu? (Afaan Oromoo)
Excuse me, sir, (Could you help me?) (English)
Dhiifama, kabajamoo na gargaaruu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Excuse me, madam, (Where is the nearest post office?) (English)
Dhiifama haadha ilmaa, dhiyoo kana manni poostaa eessa jira? (Afaan Oromoo)
Excuse me, miss, (What time is it?) (English)
Dhiifama obbolee, sa'aatiin meeqa? (Afaan Oromoo)
02:00 AM! (English)
Ganama keessaa sa'aatii 2:00! (Afaan Oromoo)
Asking to repeat (English)
Irra deebiin gaafachuuf (Afaan Oromoo)
Excuse me! (English)
Dhiifama? (Afaan Oromoo)
What did you say? (English)
Maal jette? (Afaan Oromoo)
I haven't heard what you said. (English)
Waan ati jette hindhageenne? (Afaan Oromoo)
Could you repeat it, please? (English)
Yaboo irra naa deebi'uu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Could you repeat what you just said, please? (English)
Yaboo maal akka jette irra naa deebi'uu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Asking to explain (English)
Ibsa gaafachuuf (Afaan Oromoo)
I don't understand. (English)
Naa hingalle. (Afaan Oromoo)
Could you explain it, please? (English)
Yaboo, naa ibsuu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
What does this word mean? (English)
Jechi kun maal jechuudha? (Afaan Oromoo)
My English is not very good. (English)
Ingiliffi kiyya hedduu gaarii miti. (Afaan Oromoo)
Could you explain what you just said, please? (English)
Yaboo, maal akka dubbatte irra naa deebi'uu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Saying that you understand (English)
Akka hubattetti dubbachuu (Afaan Oromoo)
I understand. / I understood. (English)
Hubadhee jira/ naa galee jira. (Afaan Oromoo)
I got it. (English)
Naa galee jira. (Afaan Oromoo)
I see. (English)
Hubadhe/akkanaa. (Afaan Oromoo)
What do you mean? (English)
Maal jechuu keeti? (Afaan Oromoo)
It's clear now. (English)
Ifa. (Afaan Oromoo)
Saying that you don't know (English)
Akka hinbeenne / beekne / dubbachuu (Afaan Oromoo)
I don't know. (English)
Hinbeeku. (Afaan Oromoo)
I couldn't say. (English)
Hinjenne. (Afaan Oromoo)
I have no idea. (English)
Quba hinqabu. (Afaan Oromoo)
I wish I knew. (English)
Beekuuf hinhawwa/osoo hinbeeka ta'ee. (Afaan Oromoo)
Requests (English)
Kabajaan gaafachuu (Afaan Oromoo)
Could you help me, please? (English)
Yaboo, na gargaaruu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Could you speak more slowly, please? (English)
Yaboo, osoo suuta jettee dubbattee garaa si hanqataa? (Afaan Oromoo)
Would you mind speaking less loudly? (English)
Yaboo, sagalee kee gad qabattee dubbachuu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Could you lend me fifty birr till Friday, please? (English)
Yaboo, haga/hanga Jimaataatti qarshii shantama naa liqeessitaa? (Afaan Oromoo)
Could I borrow your pen for a minute? – Sure. Here it is. (English)
Qalama kee daqiiqaaf naa ergisuu dandeettaa? Tole. Kunoo. (Afaan Oromoo)
Asking for permission (English)
Hayyama gaafachuu (Afaan Oromoo)
May I come in? Yes, of course. (English)
Seenuu danda'aa? Ee hindandeetta? (Afaan Oromoo)
May I use telephone, please? (English)
Yaboo, Bilbila kee itti fayyadamuu danda'aa? (Afaan Oromoo)
Would you mind if I borrow your book? (English)
Kitaaba kee yoo ergifadhe garaa si hanqataa? (Afaan Oromoo)
Asking to hurry (English)
Akka daddafu itti dubbachuu (Afaan Oromoo)
Could you do it a little faster, please? (English)
Yaaboo, harkaa daddaftaa? (Afaan Oromoo)
Please hurry up, or we'll be late. (English)
Yaaboo, daddafi ta'uu baannaan hingalaalchinaa / barfanna. (Afaan Oromoo)
Hurry up! (English)
Dafi! (Afaan Oromoo)
Come on, let's go! (English)
Koottu/koottaa haa deemnuu! (Afaan Oromoo)
Come on! (English)
Koottu/koottaa. (Afaan Oromoo)
Show some speed, will you? (English)
Xiqqoo harka dafuu dandeettaa? (Afaan Oromoo)
Asking to stop (English)
Akka dhaabdu gaafachuu (Afaan Oromoo)
Please stop shouting. (Stop talking, crying, etc.) (English)
Yaboo iyyuu dhiisi. (Oduu dhiisi, booyuu dhiisiifi kkf) (Afaan Oromoo)
Stop it, please. (English)
Yaboo, dhiisi. (Afaan Oromoo)
Will you please stop for a minute? (English)
Yaboo, daqiiqamaaf / dhaaf dhiiftaa? (Afaan Oromoo)
Wait! / Wait a minute. (English)
Eegi/Daqiiqaa tokkoof na eegi. (Afaan Oromoo)
Hold it. (English)
Tasgabbaayi/ suuta jedhi. (Afaan Oromoo)
That's enough. (English)
Si gaha. (Afaan Oromoo)
Asking to stop because you don't like what someone is doing (English)
Yeroo inni hojii qajeelatti hojjachuu dhabe dhaabsisuuf gaafachuu (Afaan Oromoo)
Stop it right now! (English)
Ammaan tana dhaabi! (Afaan Oromoo)
That's enough! (English)
Sunuu gahaa! Si gaha. (Afaan Oromoo)
Stop bothering me! (English)
Qanyisuu kee dhiisi/ na hinrakkisin! (Afaan Oromoo)
That's it! (English)
Kanuma (Afaan Oromoo)
Warning (English)
Akeekkachiisa (Afaan Oromoo)
Take care! (English)
Uf/of eegi! (Afaan Oromoo)
Watch out for that bus! (English)
Makiinaa san laali/ uf eegi! (Afaan Oromoo)
Watch your step. (English)
Uf eeggannoon deemi. (Afaan Oromoo)
Watch those stairs. (English)
Uf eeggannoon sadarkaalee irra deemi. (Afaan Oromoo)
Watch your tongue. / Watch your mouth. / Watch your language. (English)
Caldhiftee hindubbatin. Uf eeggannoon dubbadhu. Haasawa kee sirreessi. (Afaan Oromoo)
Be careful. (English)
Uf eeggadhu. (Afaan Oromoo)
Giving advice (English)
Gorsuu (Afaan Oromoo)
You should read this book. (English)
Kitaaba kana dubbisuu qabda. (Afaan Oromoo)
You should see a doctor. (English)
Ogeessa fayyaatiin laalamuu qabda. (Afaan Oromoo)
You'd better to stay in bed for a couple of days. (English)
Guyyaa muraasaaf boqachuu qabda. (Afaan Oromoo)
If I were you, I'd go to Ethiopia. (English)
Osoo an si ta'ee Itoophiyaa deema ture. (Afaan Oromoo)
Giving a compliment (English)
Dinqisiifannaa ibsuu (Afaan Oromoo)
You look great. / You look wonderful. (English)
Sirraa bareedee jira/ baay'ee bareeda. (Afaan Oromoo)
That's a great suit! (English)
Uffanni guutuun kun baay'ee gaariidha. (Afaan Oromoo)
I like your new hair style. (English)
Akkaataan rifeensa keetii isa haaraakana jaaladhee jira. (Afaan Oromoo)
You have a very nice house. (English)
Mana shallaayii/baay'ee bareedaa qabda. (Afaan Oromoo)
You speak English very well. (English)
Ingiliffa dambitti/ sirritti/ akka gaaritti dubbatta. (Afaan Oromoo)
Thank you. (English)
Ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
Thank you very much. (English)
Baay'ee galatoomi. (Afaan Oromoo)
Thank you, you are very kind. (English)
Ulfaadhu/ ati nama gaari. (Afaan Oromoo)
Invitations (English)
Affeerraa (Afaan Oromoo)
I would like to invite you to my birthday party. (English)
Guyyaa dhaloota kiyyaarratti akka argamtu si affeeruu barbaada. (Afaan Oromoo)
I would like to invite you to my marriage. (English)
Guyyaa cidha kiyyaa akka argamtu si affeeruu barbaada. (Afaan Oromoo)
Why don't we go to a concert? (English)
Gara agarsiisa muuziqaa maa hindeemne? (Afaan Oromoo)
Accepting an invitation (English)
Affeerraa fudhachuu (Afaan Oromoo)
Thank you for your invitation. (English)
Affeerraa keetiif ulfaadhu. (Afaan Oromoo)
Thank you. I'd love to. (English)
Ulfaadhu. Natti tola. (Afaan Oromoo)
I'd like that very much. (English)
Isa sirritti jaaladha. (Afaan Oromoo)
With pleasure. (English)
Gammachuu wajjin. (Afaan Oromoo)
That's a great idea. (English)
Kun yaada gaar idha. (Afaan Oromoo)
Declining an invitation (English)
Affeerrii fudhachuu diduu (Afaan Oromoo)
Thank you for the invitation, but I can't. (English)
Afferraa keetiif ulfaadhu, garuu hindanda'u. (Afaan Oromoo)
I can't. I have to study. (English)
Hindanda'u. Qayyabachaa jira. (Afaan Oromoo)
I'm sorry. I'm busy tonight (tomorrow; on Saturday). (English)
Dhiifama. Har'a galgala (boru/sanbata) hojii qaba. (Afaan Oromoo)
I'd like to, but I'm busy. (English)
Natti tola, garuu hojii qaba. (Afaan Oromoo)
I wish but I really can't. (English)
Dhufuu hinbarbaada garuu hindanda'u. (Afaan Oromoo)